๐’๐„๐„๐๐€๐€ ๐‡๐€๐€๐‚๐€๐€๐‹๐”๐” ๐‡๐”๐๐ƒ๐„๐„๐’๐’๐€๐€ ๐๐Ž๐๐’๐€๐€

(๐’๐„๐„๐๐€๐€ ๐‡๐€๐€๐‚๐€๐€๐‹๐”๐” ๐‡๐”๐๐ƒ๐„๐„๐’๐’๐€๐€ ๐๐Ž๐๐’๐€๐€)

Artist Haacaaluu Hundeessaa Kan Dhalatee Abbaa Isaa Obbo

Hundeessaa Bonsaa Fi Hadhaa Isaa Addee Guddattuu Horaa Irraa Bara 1976 nannoo Oromiyaa Godinaa lixaa shawaa Magaalaa Ambootti Dhalatee.

Art Haacaaluun Maatisaaf mucaa shanaffaa yoo ta’u obbolloota dhiiraa ja’aa fi obboleeyyan durbaa afur qaba.

Akkuma ijoollee Oromoo kamuu Haacaaluun maatisaaf loon tiksaa akka guddate dubbata.
Barnootasaa hanga kutaa kudha lamaatti achuma magaalaa Ambotti barate.

Haacaalun baayyinaan maatiisaa biratti kan guddate yoo ta’u akaakayyuusaa biras jiraateera Akaakayyuusaa waan jaalatuufis, mana barumsa dhihoo jiru dhiisee kan naannoo mana akaakayyuusaa jirutti fagoo deemee barachaa ture.

Haacaaluuf Magaalaa Amboof Olmaa Gudda qaba Akkasumas Ummata oromoo Hundaaf. Amboo magaalaa Oromiyaa gara dhihaatti aanaa Amboo keessatti argamtu Magaalaan kun Finfinneerra gara dhihaattii Kiilomeetira 125 fagaattee argaamtu Yoo tatuu goota Oromoo Kanaa Biqilchitte guddisu Kessati Ga,ee Olaana qabdi.

Haacaaluun jjolumaa isaa irra kasse Ummataf Maati Isaa Quqama qabachuu Isaa kan Dubbatan hiriyyoni Isaa Bara 1995 Wayitaa Baratta Tureti ummataa isaaf Falmuuf Ol jedhee Fuldura Galee dubbachuu fi moormufi ture.

Ijoolluma irra kasee fedhiin inni Muziqaf Qabu Ol’aana ture Haa ta’uu Garuu Abba Isaa obboo Hundeessa irra Fudhatama Hin arganee ture Abban Isaa Obbo Hundeessaan Ilmii Isaa Por. ykn Dr akka ta’uuf hawwu wan ta’eef Weellissaan goola Qabuu Goolo Maale Jechuun Qaneessu Ture.

Garuu Fedhiin Isaa kessaa jiru Loola fi Xir’uu Abba Isaattin Hin Dangeffamnee yoo Maati Biraa bahee Loon Tiksuu Afaan Isaa osoo gunguumu olaa.

Ijoolummaa irra kasse sirbaa Dawwite mokonnin Fi Sayoo (Tsegayye) Dandaanaa siritti Wellisufu Akka isaan Hordoofus Jaalatu dubbata Haacaaluun. Sirbaa Dawwitee Mokonnin Kan Fardaa gurrachaa
lagarraa Kachiisani
Osoo Wal Jalanuu
Wal Nu walaalchisan โ€ฆโ€ฆ
Jedhuu Afaan isaa Irra Akkaa hin bufnee dubbataa. Yeroo sannati Haacaaluun wellisuu maale Akkamitii Akka walaaloon fi Yeddaloon Barahu Hin bekku ture.

Barattaa Cimaa ta’uu Isaa hin Bekku inni garu Dhugaan jiru inni Dr ta’ee biyya kana jijjiru Kan Danda’uu Akka ta’ee Hirriyooni Isaa ni Himuu. wayitaa barataa turetti mirri inni qabu Muziqaa ta’uus ummata isaaf dursaa laata ni moormaf kanumarra kan ka’ee bara 1995 woytaa barataa sadarkaa lammafa turetti Umrii waggaa 17 tiin Qabamee Mana hidhatti Darbatamee.

Haacaaluuf Karchaaleen Amboo mana Barumsaa Cimaa ture Achiiti Hooji Jajjabduu lammi isaa mirgaa isaaf dubbate hidhamee waalin wal argee qabsoon mal akka ta’ee achii baree jirenyiis maal akka ta’ee hundumaafu hacaaluuf Mani Barumsaa Lamaata achii Akka ta’ee himma.

Yeroo Karchalee Amboo Turetti Namoota Maqa Ofii Baressuu Hin Dandenyeef Akkasumaas Waa dubbisu Hin Dandenyeen Bulchinsaa Mana Hidhaa Waalin Ta’uun Barnoota Ga’eessotaa jalqabsiisee. Namoota Bay’eefi Wabii Jirenyaa ta’ee Ture.

Haacaaluun Woggotaa Shaanif Karchalee Ambootti Yoo Dabarsuu Abbaa fi Hirriya isaa qofaa dedebbi’ani Gafachaa turan Abban koo Jedha Hacaaluun Yoo Mana Hidha dhufuu Jabbadhuu ilmaa koo Mani Hidhaa Qorasummaa Dhiratti nan jedha ture. Aniis Jabbina isaan Naf laatan qabadhee jabadhee hojedhee.
Haacaaluun Mana hidhaa kessaa ta’ee muziqaa isaa namoota waliin mana sirressaa jiranif yoo sirbuu namoon naa fanaa immiman isaan buusu ture annii sirbuu maale Qabiyye isaaf hin cinqaamu yeddaloo isaas yoon miraa keessaa gaalu ofii isaaf naf dhufa jedha

Sirbootan bay’ees Barressu Egaale Wan isiin Aja’ibbu Sirba (Albamaa) koo jalqabaa kessaa Sirbootan Sagaal(9) mana hidha ta’een baresse walumaa galaatti Albaama koo jalqabaa mana sirressatti xumuure jechuu ni danda’ama jedha Art haacaaluaan.

Turtii waggaa shanii booda bahe Achii ka’ee finfinnee gaale achittis na qabanii torbaan tokkof makaaalawiti naa hidhaan.’Hamma tokko bilchaadhe akkan bahu na godhe. Waan hunda of-eggannoodhaan akkan raawwadhu na taasise.”

Abbaan isaa har’as karaa ilmi isaanii filatetti hin amanne Daandiin isaa barumsa akka ta’u yaalaniis hin taane. Isaaniis innis yaada hin kaasne Gammachuu hin qabani jechuummoo miti. Sirba weellisaa hangafaa Wasanuu Diidoo, Jabbilootakoo, gaafa sirbe guddaa gammadani. Ilma abbaa caaletti fudhatani.”Guddattuu, Ilmikee reefu sirbite!” jechuu isaanii harmee isaarraa dhagaheera.
Amma garuu Obbo Hundeessaan ilma dhalchan dhaalsisaniiru Amma Hacaaluun kan uummata Oromooti Hacaaluun Sirbootan Isaa miraa nama to’aatan Heddu Ummata oromoof kan gummache jira kessahujedhaa..”Albami Lamaan Barootan Darbaan kessaa bahan jalatamumaa ol Aanaa akka horataan ni bekkaa garuu hammas ummata koo biratti ni leelifamaa jedhee hin welisnee Miraa koo kan quqaa ummata koon Dubbachaan ture” Wellewan Albamaa isaa bara 2009 fi 2013 Bahan Kan Mat Duren Isaa # Sanyii_Mooti fi Wa’ee kenyaa Jedhuu Gura ummatan gahee jira.

Albamoota kaneenin Alaa Yeroo As Dhihoo kanatti sirbaa qenxee “Maalan Jiraโ€ฆ.?” jedhuufi “Jirra” gurraa ummatan gahuun fudhatamaa olaana argateefi jira. sirbooni isaa dawwatamuun iddo olaana kan qabatanidha. akka fkn yoo illale seena ummata oromoo keessaati sirbii youtube irrati 1.5M ol dawwatame hin jiru kun fudhatamumaa muziqaa isaa kan nutti garsisuudha.

Hacaaluun Qabsoos Muziqaas akkasumaas Ijoolumman Jalqabee. Yeroo Amma kanatti Art Hacaaluun Bultii Kan Ijarrate yoo ta’uu Ilmaa tokkoos ni qaba.Haati mana isaa Addee Faantuu Damissoo Diroo jedhamtii Oggetti fayyaa yoo Tatuu Art hacaaluu waalin jaalalaan woggota Kudha torbaa(17) olif Kan turte yoo ta’uu Ergaa ga’eela rawwatani Waggaa sadeet Guttani Jiru Maati Horanii intalaa durbaa tokko Midhagdu Takka Dessefi Jirti Maqan Ishee Wabii Hacaaluu Hundeessaa Bonsa Jedhamtii.

Hacaaluun Sirbaa Albamaa Isaa jalqabaa Irrati Olmaa kee jedhuu Isheef Akka Welissee Dubbaata “Yeroo ani Hidhaa Karchalee Amboo Tureeti Torbee Torbee Deddebitee Na Gafachaa Kan turte Wan Ta’ee Isheef Ni xinnata” Jedha.

Hacaaluun
Art Hacaalun namaa siyaasatti Jedhen gaffadhen ture “lakkii
Anii Namaa Siyaas Mitti Siyaasan Hin Bekku ani Kan bekku Rakko Ummata Koo Irrati Rawwatamuuf Sagalee Ta’ee tajjajilu Yoo Ta’uu Namooni Akka fedhanitti na ka’uu danda’uu Suun anaf Homma miti.”jechuun golabaa

Akka Artistoota Biroos Biyya osoo Bahin asiiti Qabsahuun Kun akkamitti Jalaate Dandette Jedheen ? “anii Biyya koof Dubbadhe Maale nama Ajjesses Mitti Kan biyya koo irra Essuf Namoot Bay’ee na dorsisuuf Yaalani Turan sun Anaaf Homma
mitti Yeroo Alaa Demme Konsartii Koo Qophessuf Maale Haacaaluun afuun hin demnee biyya debbi’ee biyya koo kessatti du’uu qaba jedheen yadaa ture garuu hunduu darbee Har’aa genyee jira.”

Qabsoo Oromoo Irra gaheefi Dhimma Galmaa Barkumee hoo Akkami Naf ibsitaa ?

“Ani Qabsoon Oromoo Har’aa irra jiru bay’ee kan natti toluufi ummani koo yoom bilisomee argan hawwi koo ture kun naf milka’uun isaa heddu natti tole . garuu ammas sodaa tokkon qaba Dhabbilen Oromoof Falmaan gaddisa tokko Sasabamuu Dhabuun Isaani Dandii Xinno Bana qabduu natti mul’ataa

galmaa Barkumeeti Ani Akkuma Sin Jedhee mira Koo nan Demaa Quqaa Osoo Cirrachi Kophee kessan Si qorquu Dhabbate Demmu Hin Dandessu Kanaf Miraa Gaf sanaa Ture Anaafio Sanuma Sanaafan Irra shalale Anii Galmaa Barkumee irrati Sirbuun Koo Bu’aa amma Argameef Wantii Busee Hin Jiru garu Ummani koo Yoo Gahe Qabdaa Nan jedhee Ni fudhaa.”

yeroo Amma kanatti artiist Hacaaluun Ummata oromoo Gargaruurati kan fuleffate yoo ta’uu gamaa birratin immoo Durata’aa fi wali qaba Gummii Artistoota Oromoo Ta’uun Tajjajilaa ture.

Artist Hacaaluun Ilmaa sabaaf Dhabbate namaa Beeka Namaa Ummata isaa kabajuu Namaa Ummata isaaf Of warregu Ta’uu isaa Hasa’aa isaa kessati Bare Jira.
Hacaaluun yeeroo kanatti abbaa ijjoollee sadii turee.

Dhuma irraati Hacaaluun shiraa mootummaan biyyaa bulchuun irraatti xaxameen lubbuun isaa darbee.

Haacaaluun Oromoofi Oromiyaaf qabsayee,

Oromoofi Oromiyaaf Wareegame!

Nan Sobee nuun jedhe, osoo takkaa ofis saba isaas hin sobin dhugaa oromoo cichee wareegame!!

QABSAAโ€™AAN NI KUFA , QABSOON ITTI FUFA!! ๐†๐š๐ฅ๐š๐š๐ญ๐จ๐จma