Oromiyaa

oromia2 Oromiyaan biyyyoota Kaabaa Baha Afrikaa keessatti argaman keesaa takka. Yeroo ammaa, Oromiyaan biyya bilisummaa fi walabummaa qabdu osoo hin tahin, biyya koloneeffatamtee impaayera Itoopphiyaa jalatti gabrummaa dhaan jirattu taatee argamti. Oromiyaan karaa kaabatiin Biyya Habashaa fi Biyya Affariin daangeeyfamti. Karaa Bahaatiin Soomalee-Issaafii Ogaadeniin daangeeyfamti. Karaa Lixaatiin naannoo uummatoota kibbaa, Gambeellaa, Banii Shangulii fi Sudaaniin daangeyfamti.   Karaa Kibbaatiin Keeniyaa dhaan daangeeyfamti.

Oromiyaa bal’inaan kaare-kilomeetira 600000 yoo taatu, uummata lakkooysaan miliyoona 40 tahu qabdi. Bal’ina lafaatiin Oromiyaan biyyoota bebbeekkamoo akka Jarmanii, xaaliyaanii, Ispaaniyaa, Ingilizii fi Biyya Jaappaani faa ni caalti.

Karaa heddummina lakkooysa uummata isiirra jiraataniitiin immoo Ispaaniyaa, Polaandaa, Morokoo, Kanaadaa, Awustiraaliyaa fi Sa’udii Arabiyaa faa ni caalti

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s