Obbo Qajeelaa Mardaasaa: ABOn sababa waldhabdee keessootiin qophii filannoo waan hin taasisneef yeroon kaadhimtootaa dhiyeessu akka dheeratuuf gaaffii dhiyeessera jedhan Hoogganaan sab-qunnamtii ABO

Obbo Qajeelaa Mardaasaa

ABON filannoo irratti hirmaachuuf fedha qabaatus rakkoo keessoo muudateen qophii barbaachisuu taasisuu akka hin dandeenye himan Obbo Qajeelaan.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessas rakkoo kan tilmaamaa keeessa galchuun guyyaa kaadhimtootaa dhiyeessuu nuu dheeressuu qaba jechun Obbo Qajeelaan waamichaa dhiyeessaniiru.

Paartichi ji’oota 8 darbanitti rakkoo keessootin qabamee waan tureef, qophii barbaachisuu taasisaa akka hin turre himan.

Rakkoo keessoo keenya furannee filannoo bara kana gaggeeffamuuf qophii taasisuuf yaadamuus akka hin milkoofne himaniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaas waldhabdee jiru akka furamuuf paartiichi yaa’ii waliigalaa lama gaggeessun rakkoon jiru akka hiikamuuf haala mijeessus Dura Taa’aa Paartiichaan milkaa’uu akka hin dandeenyes kaasaniru.

Akka Pireesitti Itoophiyaatti, rakkoo jiru hiikuufis karaa Boordii Filannoo Biyyaaleessa, Jaarsoolii biyyaan, hooggantoota dhaabbilee amantaan, hooggantootaa paartii ABO duraaniin dabalate hanga sadarkaa gorsitootaa Mana Mareetti yaaliin garaagaraa taasifamaa turus himaniiru.

Yeroo ammaa kanas rakkoo jiru hiikuuf qophiin barbaachisaa ta’ee taasifamaa jiaachuu himan.

Tarkaanfiin jalqabaas paartichii akka paartiitti akka itti fufuf taasisuu ta’uun himan.

Kun raawwatamuu yoo danda’ee filannoo bara kana gaggeeffamuu irratti qophii barbaachisuu taasisuun hirmaachuun ni danda’amaa jedhan.

Dubbiichaa cimsaa kan jiru ammaas taanaan hooggantootaa seera hin kabajnee,sababa xixxiqqoo barbaaduun paartichaa bakka lamatti qooduuf yaalii taasisuu, rakkoo nageenyaafi waldhabdee hooggantootaa keessoo dhimmichaa cimsaa akka jirus himaniiru.

Akkasumas filannoo baranaatiif kaadhimamtoota dhiyeessuuf immoo paartiichi rakkoo keessoo dursa hiikuunfi qophii barbaachisuu taasisuun filannicha irratti hirmachuuf hojjetamuu qaba jedhaniiru Obbo Qajeelaan.

Leave a comment