Dr. Gurmeessaa: Waan COVID-19 maal beekuu qabnaa?Waan COVID-19 maal beekuu qabnaa?

 

Dr Gurmeessa
  1. Tuttuqqaa namootaa, meeshaalee gara garaa vaayirasiin kun irra buufate tutuquu fi copha afaan dhukkubsataa qufa’uu ykn haxxiffatuu keessaa ba’uun daddarba.
  2. Erga qaama namaa seenee booda giddu galeessaan guyyaa 5 keessatti mallattoo argisiisuu eegala.
  3. Mallattoo keessaa inni jalqabaa ho’iinsa qaamaa (fever), itti fufuun qufaa gogaa (dry cough) achii ammoo afuura kutaadha.
  4. Namoota mallattoo argisiisan keessaa dhibbeentaa 80 (80%) haala salphaadhaan fayyu. Dhibbeentaa 20% ammoo haala hammaataa fi gargaarsa yaalaa barbaadutu mudata.
  5. Vaayirasiin kun haala amma keessa jiruun namoota qabate kessaa dhibbeentaa 2 (2%) lubbuun dabarsa.
  6. Vaayirasiin kun nama gurracha, adii, daa’imman, maanguddoota mara ni qabata. Baay’inaan garuu kan lubbuu dabarsu namoota umuriin raaganii fi dhukkuba dabalataa duraan qabanidha. Ta’us darbee darbee namoonni umuriin dargageessaa fi dhukkuba biraa homaa hin qabne illee sababa vaayirasii kana lubbuu isaanii ni dhabu.
  7. Namoonni fayyan, kan dhukkuba salphaa dhukkubsatanii turan ta’e, giddu galeessaa guyyaa 14 keessatti fayyu. Kanneen dhukkuba hamaa dhukkubsatan ammoo giddu galeessaan guyyaa 21 keessatti fayyu.
  8. Vaayirasii kana harka dhiqachuu, waltuttuqqaa dhiisuu, yoo qufa’an ykn haxxiffatan afaan ofii haguuguu, yoo mallattoo ofirratti argan gara mana yaalaa deemuudhaan ittisuun ni danda’ama.
  9. Vayirasii kana haga ammaa talaalliis ta’e qoricha fayyisu ykn fooyyessu hin jiru. Taalaalliif qorichoonni hedduun garuu qorannaa irra jiru.
  10. Malootni aadaa fi nyaatni akka qullubbii adii fi kanneen biroo vaayirasii kanaaf hin fayyadan.
    **
    © Dr. Gurmeessaa H.
    Fayyaan Faaya.