Humni lafoo Israa’el sochii Gaazatti taasisu cimsee jira

Humni lafoo Israa’el sochii Gaazatti taasisu cimsee jira

Taankiwwan Israa’el walakkaa magaala Gaazatti argamuunsaanii sochiin waraana lafoo biyyattiin Gaazatti taasiftu cimuusaa kan agarsiisudha.

Taankiin Isra’el daandii Kaaba Gaazarraa gara Kibba Gaazatti geessu kan Waadi Gaza jedhamurratti mul’atee jira.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti taankin Israa’el daandii Waadi Gaza cufuun konkolaatatti dhukaasaa ture.

Daandin Wadi Gaza jehamu kun namoonni Kaaba Gaazatii gara kibbatti akka baqataniif karaa haleellarraa bilisaati jechuun Israa’el namoota akeekkachiisaa turte.

Taankoni Israaa’el Gaazaa lixuunsaanii biyyattiin suutuma suuta haleellaa lafoo Gaazatti taasiftu babal’isaa deemushee kan agarsiisudha.

Israa’el namooni Kaaba Gaazaa keessaa guutummaan akka bahan jettee akeekkachiisa laattus, kanneen qe’ee keenya dhiifnee hin baanu jedhan kumaatama heddutu ammayyuu danqamee jira.

BBCafanormo

Leave a comment