Oduu: Mariin mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu Taanzaniyaatti adeemsifamaa jiru haala gaariirra gahuu hordofee qondaaltonni mootummaa olaanoo marichatti makamano

Oduu: Mariin mootummaa #Itoophiyaa fi #WBO gidduu #Taanzaniyaatti adeemsifamaa jiru haala gaariirra gahuu hordofee qondaaltonni mootummaa olaanoo marichatti makaman

Mariin mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa, Daar es salaamitti adeemsifamaa jiru “fooyya’insa gaarii” agarsiisaa jiraachuu maddeen garee maricha qindeessanitti dhihoo ta’an Addis Standarditti himaniiru.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Muummicha Ministiraa Reedwaan Huseen fi MinistIra Haqaa Geediyoon Ximotiwoos guyyaa kaleessa marii Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa jirutti akka makaman himameera. Akka maddeen kun jedhanitti, haalli kun “milkaa’ina marichaa irratti mari’attoota fi garee qindeessitoota marichaa biratti amantaa uumamuu kan agarsiisu” ta’ee ilaalama.

Guyyoota marii kunneen booda, qaamoleen lamaan dhimmoota ijoo irratti mari’atamaa jiran gara furuutti ce’uu isaanii odeeffannoon Addis Standard argate ni mul’isa. Jilli #Ameerikaa, Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Haamaariin durfamu, fi dippilomaatonni olaanoo #IGAD bakka bu’an, akkasumas mootummoota #Keeniyaa fi #Noorweey marii kanaaf haala mijeessaa jiru.

Leave a comment